Maqalee 70 Indartaan Shaampiyoonaa ‘CAF’, Magaalaan Faasiil ammoo waancaa Koonfedereeshiniirratti akka hirmaatan murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Sheer Kaampaaniin Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Maqalee 70 Indartaan Shaampiyoonaa ‘CAF’, Magaalaan Faasiil ammoo waancaa Koonfedereeshiniirratti akka hirmaatan murteessuu beeksiseera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Sheer Kaampaaniin Priimeyar Liigii Ityoophiyaa kilaboota Afrikaatti Ityoophiyaa bakka bu’an akka beeksise gaaffii dhiyeessee ture.
Haaluma kanaan Sheer Kaampaaniin Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Shaampiyoonaan Priimeyar Liigii bara 2011 Maqalee 70 Indartaan Shaampiyoonaa Koonfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa, Shaampiyoonaan tapha moo’atanii darbuu Magaalaan Faasiil ammoo Waancaa Koonfedereeshinii bakka bu’uun akka hirmaatan murteessuu isaa ragaan Federeeshinicharraa argame ni muul’isa.
Sababa weerara vaayrasii koroonaan Priimeyar Liigiin Ityoophiyaa adda cituu isaan kilaboonni Ityoophiyaa bakka bu’uun Shaampiyoonaa Koonfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa fi Waancaa Koonfedereeshiini irratti hirmaatan kan hin jiraanne ta’uu murtaa’ee ture.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment