Maqaan Itiyoophyaa qabsoo ijoollee isheen addabaabaayii Addunyaatti ol ka’ee mul’achuu itti fufa-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Maqaan Itiyoophiyaa qabsoo ijoollee isheen Addabaabaayii Addunyaatti ol ka’ee mul’achuu itti fufa jechuun Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Olompikii Paariis irratti Atileet Taammiraat Tolaan fiigicha maaratoonii injifachuun meedaaliyaa Warqee argamsiiseen, gammachuu isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Itiyoophiyaan kaleessaas, har’as, borus qabsoo ijoollee ishee qaaliin maqaan ishee addabaabaayii addunyaatti olka’ee mul’achuu itti fufa jedhaniiru.

Injifannoo Itiyoophiyaan argatteefis baga gamaddan jechuun ergaa gammachuu dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment