Maqaa Raayyaa Ittisaa xureessuun akka dhaabatu akeekkachiifni laatame

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Duulli maqa balleessii miseensoota Raayyaa Ittisaarratti gaggeeffamu akka dhaabatu Raayyaan Ittisaa akeekkachiiseera.

Raayyaan Ittisaa duula maqa balleessii gaggeeffamaa jiru ilaalchisee har’a ibsa laateera.

Raayyaan Ittisaa itti gaafatamummaa ummataa fi Mootummaan itti laatame sirnaan ba’achaa jiraachuu Daayrektarri Daayreektoreetii Hariiroo Ummataa Raayyichaa Kolooneel Geetinnat Adaanaan ibsa miidiyaaleef laataniin himaniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa hidhattoota Shanee fi Faannoorratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu ibsaniiru.

Waamicha nageenyaa qaamolee lamaaniif dhiyaate Raayyaan Ittisaa kan kabaju ta’uu eeruun, hidhattoonni waamicha nageenyaa fudhatan daandii nagaa filachuu isaanii himaniiru.

Adaanach Abbabaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment