Maqaa bilisummaa ”Ityoophiyaa” jedhuu kabachiisuuf amaannee Seenaatu nurra jira jedhan – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Maqaa bilisummaa ”Ityoophiyaa” jedhuu kabachiisuuf amaannee Seenaatu nurra jira jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiyyi Ahmad.

Qaqqaaliwwan ijoollee biyya kiyyaa, Kabajamtoota michuuwwan Ityoophiyaa,

Ityoophiyaan wareegamaa fi gootummaa ijoollee isheetiin kabajaa fi bilisuummaa ishee kabachiisuuftee biyya jiraatte dha.

Kanas michuuwwaniifi diinonni ishee ni beeku.

Warreen daangaashee dhiibuuf yaalan irreeshee arganiru jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin gootummaa biyyattii ibsaniiru.

Warreen gantummaa isheerratti raawwatan barnoota barbaachiisaa kennuun, kan duubaan ishee waraanan ammoo adabbii murteessaan adabuun beekamtis jedhan.

Maqaan bilisummaa Ityoophiyaa jedhuus gatiin dhiigaa itti kaffalamee,
gootoonni ciccimoon itti wareegamaniru.

Abbootiin seenaan isaan beeknu bulchiinsaa fi ilaalcha siyaasaan garaagarummaa qabaatanis birmadummaa, bilisummaa fi tokkummaa daangaa Ityoophiyaan garuu garaagarummaa hin qaban turan.

Hedduummina Afaanii, sabaa fi gosaa qabaataniis kutannoon na tuqinaaan tokko isaan taasisa.

Fedhiin dhuunfaa isaani hagam tokkoo waliirraa fagaatuus, diinni waloo wayita dhufu Ityoophiyummaan ofiitummaa oliti ilaalan.

Duriis tahe har’a fedhiin tokkoon tokkoo keenyaa, jireenyi hunda keenyaa Ityoophiyaa gadii dha; nuti jiraannee Ityoophiyaan qooda duutu, nuti duune Ityoophiyaan akka jiraattu barbaadna jedhan.

Kan hunda keenyaa kan taate, bilisummaa fi haqni itti tasgabaa’e, olaantummaafi bilisummaasheetiin addabaabbayyii Addunyaarratti biyya waamamtu akka qabaannuu hawwii keenya jedhan Muummeen Ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad.

Ityoophiyaadhaaf guddaa hawwuun, biyyi teenya mataan ishee ol akka jedhu barbaaduun, waggoota sadan darbaan hanga humna keenyaa waan hundaa raawwanne jira.

Siyaasni biyyatti wal ajjeesuurraa gara qabsootti akka jijjiiramu qabsoofine jira, Ityoophiyaan kan hunda keenyaati jenne namoota biyya ormaatti jooraa turan hunda akka galan yaalle jira.

Kan darbee irraa waan gaarii fudhanne, balleessaa ammoo dhiifamaan sirreessuuf sochoonerra.

”Jaalalaan haa ida’amnu, dhiifamaan haa ceenu’ jenne boqonnaa haaraa banneera.

Dallaa walqoodinsaa fi jibbinsaa diigne, riiqicha obboolummaa sabdaneessummaafi Ida’amu ijaaruuf kan waadaa walii gallee gara qabatamaatti hiikuuf hanga humni keenya eeyyame hojjannerra.

Diinagdeen akka dandamatufi jijjiramni caaseefamaa akka dhufu; sirni abbaa seerummaa akka fooyya”,qabsiinsi mirga namoomaa akka sirratu, qajeeltoon hariiroo biyya alaa ollaarratti kan xiyyeeffate akka ta’u qabsoofnerra.

Tokkummaa sabdaneessummaa Ityoophiyaan, kabaja Ityoophiyaa fi guddummaa Ityoophiyaan garuu hanga takkallee gadii jenne hinbeeknu.

Ityoophiyaan biyya si’oomtuu dha; kan kaleessaa isheerraa kan boru isheetu guddaa dha.

Gadadoo keessa darbuun ga’umsa buleeyyi isheeti. Rakkoo amma muudatees bira ni dabra.

Ityoophiyaan injifachuun ishee hin oolu. Ammaa Ityoophiyaa baraaruuf moorki isaa xumuraarra jirra.

Diinonnii keenyaa keessaacfi alaan qindaa’aani nurratti duulani jiru.

Diinonni ishee Ityoophiyaan akka guddattu hin feene,ulee badiinsaa aggaamamaniiru.

Ityoophiyaan karaa Afrikummaa ta’een yoo kaate, kaate yoo injifatte, sana booda enyuufu kan hin deebine taati.

Diinonni keessaa fi alaa jabeenya isaanii dadhabina Ityoophiyaarratti ijaaruuf ka’aniiru.

Fedhiin Ityoophiyaa qabani darbu malee lafaan dhahaani darbu hinturre; kanaafi imaammanni hariiroo Biyya alaa irra jireessaan ollaa irratti kan xiyyeeffaye akka ta’u kan taasifame; qabsoon kun qabsoo uummattoota gurracha hundaaati.

Ityoophiyaa jilbifachiisanii, uummata gurraacha qaaneessuu fi waanjoo gita bittaa haaraa fe’uuf shiira taasifamaa jiru dha.

Ummattoonni gurraachi seenaa, aadaa, eenyummaa fi kabaja akka hin qabaanne ta’e qabsoo mataa gadi qabsiisuuti.

Duuli Ityoophiyaarratti baname kun Ityoophiyaa jilbiifachiisanii uummattoonni gurraachaa fakkeenyummaa bilisummaafi injifatummaa akka hin arganne duula baname ta’uu isiin hubachiisuun barbaada jedhan.

Kabajaa fi olaantummaa uummata gurraachaaf jedhaati, afuura Paan Afrikaan, uummattoonni gurraachi hundinu Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan waamichan dhiheessaa jedhan.

Qabsoon kun qabsoo Lammiilee Ityoophiyaa hundaati. Qabsoo Ijoolleen keenya biyya akka qabaatan kan taasifamu dha.

Ijoolleen kabajaafi bilisummaa gonfatani, adabbaabayyi addunyaarratti onneen guutuun ol jedhani akka deeman qabsoo taasifamu dha jechuun ibsaniiru.

Ityoophiyaa yaamani injifatamuun goonkumaa waan hin yaadamne dha.

Yeroon ammaa yeroo biyya wareegamaan gaggeessaanii dha. Amma booda ani adda waraanaatti argamee, Raayyaa Ittisa Biyyaa hogganuuf har’aa eegalee gara dirree waraanaatti nan duula.

Ilmaan Ityoophiyaa seenaan yaadatu keessaa tokko tahuu kan barbaaddan hundi biyya keessaniif jedhaatii hardhuma ka’aa, adda waranaatti wal haa arginu jechuun dhaamaniiru.

Adda waraanaarratti kan hinhiriirre hoggantoonni naannoo fi fedeeraalaa yeroo kamuu caalaa hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsaa humna guutuun raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kanaaf, luboonni malaa fi abshaalummaan naannawa isaani eegaa, jaarsooliin haadhoolii fi abbootiin kadhannaan yaadachaa, namni hundu gamtoomuun injifannoo Ityoophiyaa mirkaneessa.

Ityoophiyaan carraaqqi ijoollee isheetiin kabajamte bara baraan haa jiraattu!

Waaqayyoo Ityoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu!

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment