Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Moosaajii bulchinsa ragaa qabeenya namaa hojiirra olchuufi

 

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (FBC) Manni murtii waliigalaa Oromiyaa  moosaajii qabiinsa ragaa qabeenya namaa hojjaachiisaa ture xumursiisuun hojiirra oolchuufi.

Moosaajii qabiinsa ragaa qabeenya namaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin kan hojjaachiisaa turedha.

Akka ragaan mana murtii waliigalaa Oromiyaa irraa argannetti Moosaajiin kun ragaa qabeenya namaa Manneen Murtii Aanaa kaasee hanga Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaatti jiru bakka tokkotti salphaatti argachuu kan dandeessisuudha.

Moosaajicha hojiirra oolchuuf akka tolus leenjiin leenjistootaa ogeessota teekinoolojii qunnamtuu odeeffannoo fi bulchiinsa qabeenya namaatiif guyyoota 4’f turu kennamaa jiraachu

Leenjicha haasaa baniinsaa taasisuun kan jalqabsiisan Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Obbo Guyyoo Waariyoo moosaajiin kun qaama hojii Manneen Murtii Oromiyaa gara waraqaa maleessatti kan jijjiiruu ta’uu ibsan.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment