Manni murtii Sudaan hojjetoota Tika Nageenyaaa 27 irratti murtee du’aa dabarse

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Barsiisoota yeroo mormii uummataa too’annoo jala oolaan haala sukkanneessaa ta’een kanneen ajjeesan  hojjettoota  Tika Nageenyaa Sudaan  27 irratti adabbiin murtoo du’aa darbe.

Manni murtii Sudaan hojjettoota Tika Nageenyaa yakka ajjeechaa sukkaneessaa raawwatan 27 irratti murtee du’aa, shakkamtoota 4 irratti adabbii hidhaa umurii guutuu hanga waggaa 3 fi shakkamtoota 7 ammoo bilisan gaggeessee jira.

Mormii ummataa jalqaba bara Faranjootaa 2019 Preezdaantii biyyaattii Oomaar Albashir irratti bahameen barsiisoonni too’annoo jala oolaan humna nageenyaan mana hidhaatti ajjeefamaniiru.

Preezdaantiin duraan Sudaan Oomaar Albashir yakka malaanmaltummaa raawwataniin giddugala jijjiirrama hawaasummaa keessa waggaa lamaaf akka turan itti murtaa’eera.

Akkasumas manni murticha Oomaar Albashir yakka malaanmaltummaa fi jijjiirraa maallaqaa seeraa alaa raawwataniin adabbii cimaa waggaa lamaan adabuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-CGTN Africa

 

 

Comments (0)
Add Comment