Manni murtii fefederaalaa dhaabbata Iffartiif bulchinsa walabaa yeroo muude

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Dhiheessumma Abbaa Alangaa Waliigalaa federaalaan Manni Murtii olaanaa Liddataa rammaddii 1ffaa dhaddacha har’a ooleen dhaabbata Iffartiif bulchiinsa walabaa yeroo miseensota 7 qabu muudera.

Bulchinsi yeroo kun hordoffii fi too’annoo mana murtichaan hojii bulchiinsaa kan raawwatu yoo ta’u, raawwii isaa yeroo yeroon qaama isa muudee fi Abbaa Alangaa Waliigalaaf gabaasa ni dhiyeessa jedhame.

Gareen Biiroo qorannoo yakkaa Abbaa Alangaa Federaalaa fi Poolisii Federaalarra walitti babba’an dhimma dhaabbata Iffarti qorachaa turuun kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment