Manni Murtii aanaa magaalaa Finfinnee hundaa’e

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Manni Murtii aanaa magaalaa Finfinnee hundaa’era

Preezdaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, obbo Gazaalii Abbaasimal, Manni Murtii aanaa Magaalaa Finfinnee bu’uura Labsii Gurmaa’insa, aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe lakk. 216/2011 Keewwata 24 (2) fi (3) tiin Magaalaa Finfinnee keessatti dhimmoota dantaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin wal qabatee ka’an ilaaluuf kan hundaa’e ta’uu himaniiru.

Obbo Gazaaliin, hawaasni Oromoo tajaajila abbaa seerummaa barbaadu mara Finfinnee keessatti akka argatuuf bu’uura seeraatiin, Manni murtiicha kan hundaa’ee ta’uu himaniiru.

Hawaasa Oromoo Magaalaa Finfinnee keessa jiraatu rakkoo afaaniitiin Manneen Murtii Godina Adda Oromiyaa Nannaawaa Finfinneetti deddeebi’aa ture Afaan Oromootin asumatti dhimma isaa ilaaluuf manni murtii kun hundaa’uusaas ibsaniiru.

Abbaan Alangaa waliigalaa Oromiyaa Huseen Usmaan hojii jalqabuun Mana Murtii kanaa gaaffii uummanni Oromoo Finfinneerratti qabu keessaa deebii guddaa, hiikoo addaas kan qabu ta’uu himan.

Manni Murtii kun bakka hooggantoonni olaanoon qaamolee haqaa Naannichaa argamanitti ifatti hundaa’ee hojii eegaluu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhsa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment