Manni Murtii Aadaa Oromiyaa raawwii hojii baatii 6 gamaaggamaa jira

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC) – Manni Murtii Aadaa Oromiyaa raawwii hojii baatii 6 magaalaa Shaashamanneetti gamaaggamaa jira.

Manneen Murtii Aadaa Murtii sobaa hambisuu fi haqa kennisiisuu keessatti ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoon ibsaniiru.

Yaa’ii kana irratti dureewwan Gamtaan Abbootii Gadaa, Pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi bakka buutoonni Waajjira Pireezidantii Oromiyaa argamaniiru.

Baatiwwan 6’n darban Manneen Murtii Aadaa bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu eerameera.

Yeroo itti aanu bu’aa caalu argamsiisuuf kan hojjatamu ta’uu eerameera.

Jibriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment