Manni Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee hojii eegaluu ifatti labsuun yaa’a falaa gaggeessan

Finfinnee, Muddee 25, 2014(FBC)- Manni Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee hojii eegaluu ifatti labsuun yaa’a falaa gaggeessaniiru.

Hundeeffamni mana murtii Aadaa sadarkaa Godinootaa, Magaalootaa fi Aanoleetti gaggeeffamaa ture sababeeffachuun Magaalaa Shaashamanneetti Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee yaa’a falaa gaggeessaniiru.

Yaa’ichaan Manni murtii Aadaa ifatti hojii Kan eegale yoo ta’u, akka Abbootii Gadaa fi haadholiin sinqee jedhanitti gammachuu waan kaleessa cunqursaan dhabne har’a qabsoo ilmaan keenyaatiin argachuufi hundeeffamuun Mana murtii Aadaa kun guddina Afaan Oromoo, Aadaa fi seenaa keenyaatiif shoora olaanaa qabaachuu isaa gammachuu qaban sagantaa falaa kana irratti ibsataniiru.

Sagantaan kana keessatti wantoota raawwataman keessaa gurguddoon:-

~Manni Murtii Aadaa ifatti hojii eegalutu labsame

~Nageenya Magaalichaa, Naannoo fi Biyyattii ilaalchisuun kadhannaan gaggeessuun cinaatti nageenya biyyaa uumuuf Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee qooda isaanii bahuu akka qaban labsameera.

~Rakkoo mul’atu akka aadaa Oromootti mariin hiikkachuun gabbataa akka deemu gochuu, waan sanii ol ta’e immoo sadarkaa mana murtii Aadaatti laaluun furaa deemuu akka qaban ifatti labsameera.

~Tokkummaa cimaa ijaarachuu, Sabaaf sablammii waliin kabajaa fi wal danda’uun jiraachuu, dhaloota duudhaa fi safuu eeggatee fi jaalala biyyaa qabu uumuuf yeroo kamuu caalaa akka hojjatan labsameera.

~Xumura irratti sagantichi korma falaa qaluun gaarii hawwanii hamtuu irraa falachuun goolabamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment