Manni Murtichaa shakkamtoota walitti bu’iinsa uumuun shakkaman irratti guyyoota himannaa eeyyame

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Manni Murtii sadarkaa jalqabaa federalaa dhadhacha ramaddii Araadaa oolmaa har’aan shakkamtoota walitti bu’iinsa uumuun shakkaman irratti guyyoota Abbaan Alangaa himata itti banu eeyyame.
 
Abbaan Alangaa ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan walqabatee yakka walitti bu’iinsaan namoota shakkaman 14 irratti himannaa banuuf guyyaa dabalataa 15 gaafateera.
 
Abbaan Alangichaa gaaffii mirga wabii Shakkamtoonni dhiyeessan mormuun iyyannoo dhiyeesseera.
 
Manni murtichaa mormii ture dhaggeeffachuun, namoota galmee Arafaat Abuubakarfaa jalatti ibsaman 9 irratti guyyoota 15 yoo eeyyamu, namoota galmee Xilahuun Lataa jalatti eerraman 5 irratti ammoo guyyoota 10 eeyyameera.
 
Dabalataan manni murtichaa Injiinar Yiliqaal Geetinatii fi Wandaala Asnaaqaa irratti guyyaa himataa 10 eeyyameera.
 
Poolisiin qorannoo shakkamtoota kanneen irratti taasisaa ture xumuruun galmee Abbaa Alangaaf dabarseera.
 
Beellamni galmee yeroo akka cufamu gaafateera.
 
Abbaan Alangaa yakki shakkamtoonni kunneen ittiin himataman yakka cimaa ta’uu isaan mirgi wabii akka hin eeggamne gaafateera.
 
Manni Murtii sadarkaa jalqabaa federalaa dhadhacha ramaddii Araadaa oolmaa har’aan mirga wabii gaafatame fudhatama dhabsiisuun Abbaa Alangaaf guyyoota himannaa itti banu eeyyameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment