Manni murtichaa obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaalee qorannaan duraa dhaggeeffateera

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC) – Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa obbo Jawaar Mahaammadfaa dabalatee shakkamtoota 8 irratti ragaalee qorannaan duraa sagalee ragoota lama dhaggeeffateera.

Dhaddachichi gara ragoolee dhaggeeffachuutti osoo hi seenin yeroo darbee beellama laachuun haala rawwii ajaja ilaaleera.

Obbo Jawaar haalaarra jiraaniifi nageenyuuma isaaniif jecha ogeessaa dhuunfaa isaanii waliin wal arguu dhabuu isaanii ibsaniiru.

Haalaa yaala waliin walqabsiee obbo Jawaar ogeessaa fayyaa dhuunfa ani filadheen alatti jechuun hospitaala mootummatti akka yaalamaniif gaafatamaniis eeyyamamoo ta’uu dhabuu poolisiin beeksiseera.

Manni murticha gama isaatiin poolisii waliin ta’uun obbo Jawaarin ilaaluun haallii yaala isaanii aariifata yoo ta’e ogeessaa fayyaa dhuunfaa isaanii akka yaalamaniif bilbila ogeessaa fayyaa dhuunfaa isaanii argachuu akka hin dandeenye ibseera.

Obbo Jawaar hospitaala mootummaatti hin yaalamu jechuu isaaniin shaakkii guddaa keessaa akka seenee fi kanafiis shakkamaan bu’uuruma seerrii eeyyamuun akkuma nama kamiiyyu hoospitaala poolisii federaalaatti yaalamu akka danda’aan poolisiin ibseera.

Kana waliin walqabsiisee obbo Jawaar fi obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoonni 9 qorannoo vaayrasii koroonaa akka taasisaniif manni murtichaa dhaddachaa darbeen ajaja dabsuun isaan walqabsisee qorannoo taasisuu isaanii pooliisiin mana murtichaaf ifoomseera.

Gama biratiin obbo Baqqalaa , obbo Hamzaa fi shakkamtoonni biroon abuukatoo isaanii waliin waajjira pooliisi federaalaa kuta qorannoo keessa kameera waan jiruuf abukaatoo keenya waliin wal arguu dhabuu isaaniif iyaafannoo dhiyeessuu isaaniif irratti hundaa’uun manni murtichaa dhimmicha ilaaleera.

Poolisiin gama isaatiin kameera kan inni ka’aameef moorichi haaraa waan ta’ee fi keessaayu mana kiitaba keessaa kitaabbonni qaqqaliin waan jiraaniif ta’uu ibsuun shakkamtoonni abuukatoo isaanii waliin akka wal arganiif kutaan mijachuu ibseera.

Wal falmii bitaa fi mirgaa kan ilaalee manni murticha bu’uura heeraa mootumma keeyyata 21n shakkamtoonni mirgii isaanii fi fayyuumman isaanii eegamuu akka qabuu akkasumaas ogeessa fayya dhuunfaa isaanii faana akka wal arganiif ajaja dabarseera.

Ajajni kun hojirra kan hin oolle yoo ta’ee, beellama itti aanuutti tarkaanfi akka fudhatu ibseera.

Manni murticha guyya har’aa sagalee ragoota lama kan dhaggeeffate yoo ta’u, yeroo itti aanuutti sagalee ragootaa biroo dhaggeeffachuuf Hagayyaa 18,2012 itti jijjiirraa beellama laateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment