Manni murtichaa nama dhuunfaa miidiyaa hawaasummaan ergaa shororkeessummaa tamsaasuun shakkamerratti guyyaa qorannoo 14 eeyyame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi ramaddii 1ffaa Lidataa nama dhuunfaa miidiyaa hawaasummaan ergaa shororkeessummaa tamsaasuun Raayyaa Ittisaarratti haleellaan akka raawwatu taasise jechuun shakkamerratti guyyoota qorannoo dabalataa 14 eeyyameera.

Raayyaa Ittisaa naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuurratti argamu irratti haleellaan akka raawwatu taasiise jechuun yakka Shororkeessummaan kan shakkame Asaayyee Darribeerratti polisiin qorannoo akka gaggeessu manni murtichaa guyyoota 14 eeyyameera.

Poolisiin Federaalaa namni dhuunfaan kun miidiyaa hawaasummaan ergaa sabaaf sablammoota walitti buusu tamsaasuu, gurmaa’iinsa seeraan alaa uumuun dargaggoota jeequmsaaf kaakaasuun biyyattiitti tasgabbiin akka hin jiraanne taasiisuun iddoolee garaagaraatti walitti bu’iinsi akka babal’atu hojjeteerra jechuun qabxii ijoorratti mana murtichaaf ibsa taasiiseera.

Dhimmichi dhimma qorannoo dabalataa barbaadu ta’uu isaan yeroon qorannoo dabalataa akka laatamuuf gaafateera.

Abukaatoonni shakkamichas qabxii ijoo Poolisiin dhiyeesseerratti falmii isaanii dhiyeessaniiru.

Manni murtichaa dhimmichaan walqabatee yaada falmii bitaa mirgaa dhiyaate dhaggeeffachuun murtee laateera.

Bu’uuramu kanaan namni dhuunfaan kun dhimmi ittiin shakkame yakka shororkeessummaa ta’uu isaan mirgi wabii gaafatame kufaa taasiisuun poolisiin qorannoo akka gaggeessu guyyoota 14 eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment