Manni Murtichaa nama dhuunfa haadha warraa isaa haala sukkanneessaan ajjeese du’aan akka adamuuf murtoo dabarse

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)-Manni Murtii olaanaa godina Arsii  nama dhuunfa haadha warraa isaa haala sukkanneessaan ajjeese du’aan akka adamuuf murtoo dabarseera.

Jiraata godinichaa aanaa Shirkaa kan ta’e himatamaan Sa’iid Sulxii Faatoo, haadha warraa isaatin Birrii kuma 11 fudhatteetta jechuun walitti bu’iinsa keessaa seenuun isaa galmeen himatichaa ni hubachiisa.

Walitti bu’insichi babaldhachuun miidhamtuu aadde Raa’isaa Hajii Iisaa mana ishee gadi lakkisuun gara maatiishee deemuu galmichi ni ibsa.

Yaa ta’u malee himatamichi gara mana maatishee deemuun balichaa kan qaqqabsiisee ta’uu ibsameera.

Bu’uruma kanaan Sadaasa 11, 2014 guyyaa keessaa sa’aatii 12:30tti salaataaf gara Masjiida seenuu ishee hordoofee Gajaraadhaan ajjeecha suukkanneessaa raawwateera.

Himatamichi gochicha boodas miliquuf yaalus eeruu uummataa fi  poolisiin to’annaa jalaa ooluu ibsameera.

Ityoophiyaatti Manneen Murtii murtoo ajjeechaa wayita dabarsaa kan raawwatamu Preezdaantii Biyyaattitiin yoo mallatteeffamee qofaadha.

Yoonaattan Birhaanuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment