Manni murtichaa galmee obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaalee hafan dhaggeeffate

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaalee hafan dhaggeeffate.
 
Manni murtichaa beellama darbeen iyyannoowwan abbaan alangee fi abukaatonni shakkamtootaa dhiyeessanirratti ajaja laatera.
 
Obbo Jawaar Mahaammadii fi obbo Baqqalaa Garbaan fedhii fi eeyyama keenyan ala viidiyoo waraabamaa jirra, suuraas kaafamaa jirra; kun nurraa dhaabbachuu qabaan mana murtichaa gaafataniiru.
 
Maatinis dhaddacharratti argamuun oolmaa isaanii akka hordofan gaafataniiru.
 
Shakkamtoonni qorannaa vaayrasii koroonaa hin taasisin 4 tajaajila akka argatan gaafataniiru.
 
Manni murtichaas eeyyamaa fi fedhii shakkamtootatiin ala miidiyaaleen viidiyoo fi suuraa gabaasaf akka hin fayyadamne dhoorkera.
 
Vaayrasii koroonaa ilaalcha keessa galchuudhan maatiin shakkamtootaa 4 hin caalle dhaddacharratti akka argaman qajeelfama laatera.
 
Abbootii amantaa fi abukaatota isaanii waliin naannoo daqiiqaa 40tif walarganii akka mari’atanis ajajeera.
 
Gaazexeessaa Mallasaa Dirribsaaf nyaanni maatirraa akka galfamuu fi maatii isaatis bilbilaan akka argatu manni murtichaa ajajeera.
 
Abukaatonni shakkamtootaa nuti bilbila sochootuu fudhannee akka hin seenne dhoorkamaa, abbaa alangeef eeyyamamuun sirrii mitiin iyyannoo dhiyeeffataniif, lamaanuu bilbila sochootuu qabatanii dhaddacha akka hin seenne ajajeera.
 
Manni murtichaa ajajoota kanneen dabarsuudhan, yaada ragaalee cufaan dhaggeeffateera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment