Manni murticha shakkamtoota galmee obbo Jawaar Mahaammadfaa jala jiran 3f qorannoon Covid-19 akka taasifamu ajaje dabarse

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa shakkamtoota galmee obboo Jawaar Mahaammadfaa jalatti himataman irratti ragaalee dhiyeessuuf yaada ijoo galmeessise.
 
Shakkamtoonni kunneen guyyaa ha’aan Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti dhiyaataniiru.
 
Bakka bu’aan Bulchiinsa Sirreeffamtoota amalaa magaalaa Finfinnee mana murtiitti dhiyaachuun sababa qorannoon Covid-19 shakkamtoota galmee kana jala tarree 3ffaa, 13ffaa fi 14ffaa irra jiraniif hin taasifamne ibseera.
 
Manni murtichaa shakkamtootaa tarree 3ffaa, 13ffaa fi 14ffaaf qorannoon vaayrasii koroonaa irra deebiin akka taasifamuuf ajajeera.
 
Bulchiinsi Sirreeffamtoota amalaa magaalaa Finfinnee dhimma kan hin raawwachiifne taanaan kan adabamu ta’uu akeekkachiisa laateera.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa qorannoo duraaf ragaalee dhiyessuu ibsuun, maqaa ragaa baatota kanneenii galmeessiiseera.
 
Taariik Adunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment