Manni murticha dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaa qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammaadfaarratti raga qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate.
 
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaalee qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf Kibxata dhufuutti beellama laateera.
 
Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa obbo Jawaar Mahaammad dabalatee shakkamtoonni galmee sana jalatti tarreeffaaman 14 vaayrasii koroonaarra bilisa ta’uu isaanii mana murtichaaf ibseera.
 
Obbo Jawaar Mahaammadii fi obbo Baqqalaa Garbaa hiriyoota keenya waliin wal arguu hin dandeenye jechuun iyyannoo dhiyeeffatanis, manni murtichaa hiriyoota keessan waliin al arguu mirga qabaattanis sababa weerara vaayrasii koroonaan labsiin yeroo ariifachiisaa waan dhorkuuf iyyanni keessan fudhatama hin qabu jedheera.
 
Obbo Jawaar haadha warraa fi ijjoolee isaa waliin torbanitti viidiyoo Konfarasiin yeroo lama akka wal argu manni murtichaa eeyyameera.
 
Obbo Shamsaddiin Xahaan Hospitaala filatanitti yaallamuu akka danda’anis manni murtichaa ajaje dabarseera.
 
Manni murtichaa obbo Jawaar dabalatee waliigala dhimma shakkamtoota 14 irratti ragaa qorannoo duraa hafan dhaga’uuf Kibxata dhufutti beellama jijjiirraa laatera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment