Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Manni Maree Federeeshiin yaa’ii idilee har’a gaggeesseen wixineewwan labsii garaagaraa fooyya’anii dhiyaatanirratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Manni marichaa wixinee labsii Mana Maree Federeeshinii cimsuu fi aangoo fi hojiirra oolmaa isaa lakkoofsa 251/1993 fooyyeessuuf ba’e irratti bal’inaan erga mari’atee booda seera ta’ee akka ba’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataaf sagalee caalmaan qajeelchera.
Akkasumas wixinee labsii mana marichaa dhaabuuf lakkoofsa 556/2000 fooyyeessuuf ba’e Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka ergamu sagalee guutuun murteessera.
Dabalataan wixineen labsii hojmaataa fi namuusa miseensota mana marichaa Dambii lakkoofsa 1/1999 fooyyeessuuf ba’e gadi fageenyaa erga irratti mari’atee booda labsicha sagalee guutuun raggaasiseera.
Manni marichaa oolmaa isaan dhimmoota Hiikkaa Heera mootummaan walqabatanii fi dhimmoota dabalataa garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarsuu isaa ragaan Mana Marichaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.