Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa dabalatee wixineewwan labsii 3 koree dhaabbiif qajeelcheera.
Walga’iin Idilee 2ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaan har’a gaggeeffameera.
Manni mari’ichaa walga’ii idilee kanaan yaada murtoo gurmaa’iinsa koreewwan dhaabbii fooyyessuuf dhiyaate qorachuun raggaasiiseera.
Wixinee Labsii Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa Ityoophiyaa dhiyaaterrattis mari’achuun Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Diimookiraasii keessattuu koree dhaabbii xiqqaa qabeenya namaa fi Teeknooloojiif xinxaala dabalataa bal’aaf qajeelcheera.
Akkasumas wixinee labsii sanyii biqiltootaa bulchuuf dhiyaate, hariiroo Oomishtoota Oomisha Qonnaa fi Oomishiisaa murteessuuf ba’e irratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmoota Qonnaaf xinxaala bal’aaf qajeelcheera.
Haaluma kanaan lakkoofsi Koreewwan Dhaabbii 11 ture gara 13 akka ol guddatu murteessuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.