Manni Marichaa wixinee labsii lama raggaasiise

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii lama sagalee caalmaan raggaasiseera.
Manni marichaa labsii Soorama hojjeettoota mootummaa fi hojjettoota dhaabbilee dhuunfaa murteessuuf ba’ee fi wixinee labsii Geejjibaa dhiyaaterratti mari’achuun sagalee caalmaan raggaasisuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataraa argame ni muul’isa.
Wixineen labsii soorama hojjettootaa murteessuuf ba’erratti yaadni bal’aan erga dhiyaate booda sagalee mormii 1, kan sagalee hin laanne 3 fi sagalee deeggarsa caalmaan ragga’eera jedhame.
Manni marichaa oolmaa isaan Wixinee labsii Geejjibaa dhiyaatees qorachuun sagalee mormii 1 fi sagalee deeggarsaa caalmaan koree dhaabbii bu’uuraalee misoomaa fi Geejjibaaf qajeelcheera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment