Manni marichaa wixinee labsii komishinii maree biyyaalessaa hundeessuuf ba’erratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf dabarse

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii komishinii maree biyyaalessaa hundeessuuf ba’erratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf dabarseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 6ffaa waggaa 1ffaa har’a gaggeesseen komishinii marii biyyaalessaa hundeessuuf wixinee labsii mana maree Ministeerootaan wixineeffamee dhiyeete irratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf dabarseera.

Mana marichaatti Ministirri Waamamaan mootummaa obbo Tasfaayee Baljigeen ka’umsa labsichaa, barbaachisummaa isaa, qajeelfamawwan hammatuu fi yaadoota biroo dabataa ilaalchisee miseensota mana marichaaf ibsa taasiisaniiru.

Qophaa’uun wixinichaa hayyoota yaadoota siyaasaa addaa qaban walitti fiduun yaada ijaarsa tokkummaa biyyaalessaa akka qabaatan dandeessisa jedhame.

Manni marichaa barbaachisummaa wixinicharratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda yaadoonni ka’an akka galteetti dabalamuun akka ilaallaman koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi Diimookiraasiif qajeelchera.

Dabalataan manni marichaa wixinee labsii soorama hojjettoota mootummaa fi dhuunfaa murteessuuf ba’e irratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda qindeessummaa koree dhaabbii dhimmoota Pilaanii fi Faayinaansiin koree dhaabbii misooma fayyaa hawaasaa, Aadaa fi Ispoortiif qajeelchera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment