Manni marichaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilandi gidduutti taasifame akka deeggaru ibse

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Oromiyaa waliigaltee karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaa fi Somaliilaandi gidduutti taasifame akka deeggaru beeksise.

Manni Marichaa, haala yeroo ilaalchisee ibsa baaseen, karra Galaanaa argachuun dhimma birmadummaati jedheera.

Guddina waliigalaa biyyaaf karri galaanaa utubaawwan guddinaa barbaachisoo keessa tokko ta’uu ibseera.

Biyyoota Afrikaa 16 karraa galaanaa kan hinqabne ta’uu eeruun, kunis sirna diinagdee walabaa lammiileerratti xiyyeeffate ijaaruuf danqaa ta’uu kaaseera.

Rakkoo kana keessaa ba’uufis biyyoonni akkaataa seera idil addunyaatti tattaaffii taasisaa turuu yaadachiiseera.

Itiyoophiyaan tibbana waliigalteen Somaaliilaandi waliin mallatteessite furmaata rakkoo akkanaa akka ta’u beeksiseera.

Itiyoophiyaan karraa galaanaa akka argattuuf tattaaffii mootummaan, taasise manni marichaa dinqisiifateera.

Waligaltichi, waliigaltee seena qabeessa ta’uu eeruun, filmaatawwan biroo dabalatee waliigalteewwan biyyoota lameen gidduutti taasifaman cimanii akka itti fufan Manni Maree Paartilee Siyaasaa Oromiyaa guutummaatti deeggarsa akka taasisu mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment