Manni marichaa muudama dhiyaatef raggaasise

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FCB) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idilee 14ffaa bara hojii 5ffaasaa har’a gaggeessera.
 
Manni marichaa walga’iisaa guyyaa har’aatin;
 
1/Qaboo yaa’ii walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 13ffaa raggaasiseera.
 
2/ Muudama ministirootaa kaadhimamummaan dhiyaatanirrattis mari’atee sagalee mormii 21 fi sagalee caalmadhaan raggaasiseera.
 
Haaluma kanaan;
A/ Aadde Adaanach Abeebee, Haadha Alangee Waliigalaa Federaalaa,
B/ Dooktar Liyaa Taaddasaa, ministira Ministeera Fayyaa FDRI,
C/ Obbo Laaqaa Ayyaaleew, ministira Ministeera Galiiwwanii FDRI,
D/ Aadde Filsan Abdullaahii, ministira Ministeera Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI ta’uun muudamaniiru.
 
Dabalataan;
3/ Obbo Tsaggaa Arraagee koomiishinara Koomiishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa ta’uudhan muudamaniiru.
 
4/ Manni marichaa muudama miseensota boordii Eejansii Preesii Ityoophiyaa namoota 9 qorachuudhanis mirkaneessera.
 
Haaluma kanaan miseensonni boordichaa;
1. Obbo Awwaluu Abdii,
2. Aadde Abbabach Shiiktaa,
3 .Dooktar Aggaarradach Jamaanah,
4. Obbo Maanyaazzawaal Indashaaw,
5. Daaqoon Daani’eel Kibrat, miseensa,
6. Obbo Oobaang Meetoo,
7. Dooktar Wadaajeenah Mahaarranaa,
8. Dooktar Koontee Muusaa,
9. Obbo Geetinnat Taaddasaa ta’uudhan sagalee caalmatiin ragga’eera.
 
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment