Wixineen baajata 2013 Birrii biiliyoona dhibba 4 fi biiliyoona 76 mariidhaf dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idileesaa 16ffaa gaggeesse.
 
Manni marichaa galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti walga’iisaa gaggeessen, wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2013 irratti mari’achuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf qajeelchera.
 
Ministirri Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiideen wixinee baajatichaa Birrii biiliyoona dhibba 4 fi biiliyoona 76 mana marichaatif dhiyeessaniiru.
 
Baajatni bara 2013 weerara vaayrasii koroonaa ittisuu ilaalcha keessa galchuun kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
 
Lakkaawwiin ummataa fi manneenii 4ffaan si’a 3ffaaf akka dheereffamuuf yaada murtee walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii har’a gaggeeffameen akka dheereffamu murtaa’era.
 
Dabalataan wixinee labsii dhaabbilee misoomaa mootummaa gara dhuunfaatti dabarsuuf dhiyaaterratti mari’ateera.
 
Gabaasa yaada murtoo wixinee Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa fi Kaawunsilii Hordoftoota Wangeelaa Ityoophiyaa hundeessuuf ba’erratti mari’atee raggaasiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment