Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa waame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataa labsii yeroo ariifachiisaa Manni Maree Ministirootaa naannoo Amaarratti labse qoratee murtoo dabarsuuf walga’ii ariifachiisaa waameera.

Manni Maree Ministirootaa bu’uura Heera Mootummaa Keeyyata 93 muraa 1 ‘A’ Adoolessa 29, 2015 naannoo Amaaraatti labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 6/2015 labsuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan dhimmichi Koree Gorsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuun sagalee guutuun kan ragga’e yoo ta’u, Manni Marichaa labsicha qoratee murtoo dabarsuuf Hagayya 8, 2015 waaree boodatti walga’ii ariifachiisaa waamuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment