Manni marichaa walga’ii Ariifachiisaa gaggeesseen kallattii furmaataa garaagaraa kaa’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen dhimmoota ijoo 7 irratti kallattii furmaataa kaa’e.

Ministira Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaa, Pireezidaantoota naannolee, Kaantibaawwan bulchiinsa magaalootaa, Ministirroonni, Komishinaroonni Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa fi Naannolee walga’icharratti argamaniiru.

Gabaasni raawwii hojii hanga ammaa dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Deeggarsa namoomaaf humna ofiin deebii kennuun dhimma nageenya biyyaalessaa, kabaja, bilisummaa fi birmadummaa biyyaa ta’uu isaan walhubannoo fi xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu ka’eera.

Manni Marichaa dhimmoota dhimmoota 7 irratti kallattii furmaataa kaa’eera.

1. lammiilee balaa uumamaan ala buqqa’an bakka turanitti deebisuu, oomishtummaa fi dandamachiisurratti xiyyeeffannoon hojjechuu.

2. Ragaa lammiilee deeggarsaa fi tumsa barbaadanii qulqulleessuun qabachuu, ragaa dhuunfaa isaanii of eeggannoon gurmeessuun kaa’uu.

3. Naannoolee qabeenya walitti qabuun raawwii gaarii qabanirraa muxannoo fudhachuun raawwii caaluuf hojjechuu.

4. Balaan tasaa mudachuu akka danda’u tilmaama keessa galchuun qindoominaan of qopheessuu fi itti fayyadama lafaa hammattoo seeraan walitti hidhuu fi lammiilee sababa Roobaan rakkoof saaxilamoo ta’an adda baasuu.

5. Lammiilee sababa balaa uumamaan buqqa’an waaraan dhaabuuf karoora keessatti qabachuu fi kanneen balichaan kallattiin miidhamaniif xiyyeeffannuu.

6. Aadaa obbolummaa, walgargaarsaa fi waltumsuu cimsuu duudhaa waliif yaaduu naannoleen qaban itti fufsiisuun walummaa dagaagsuu.

7.Karoora yeroon xumuruun hojiilee harkifatanii fi harca’an maksuun boqonnaa itti aanuuf of qopheessuu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment