Manni Marichaa Roobiitti Walga’ii Ariifachiisaa Waame

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Roobii Adoolessa 26, 2016’tti walga’ii ariifachiisaa waameera.

Bu’uura Heeraa Mootummaa keeyyata 58 (4) fi Dambii Hojmaataa fi Naamusaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa lakkoofsa 6/2008 keeyyata 15 (1 fi 2)tiin, manni maricha wayitaa boqonnaarraa jirutti, dhimmoonni murtoo hatattamaa barbaachisan wayita mudatan, Afyaa’iin mana marichaa walga’ii ariifachiisaa waamuu akka danda’uu raggaasifameera.

Haaluma kanaan Roobii dhufutti miseensonni mana marichaa walga’ii arifachiisaa waamamuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment