Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaa ga’umsaan ba’uuf jijjiirrama dhaabbatummaa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.
Riifoormii dhaabbatummaa gaggeeffamaa jiru ilaalchisee qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Riifoormichi waliigaltee biyyaalessaa, nageenya amansiisaa ijaaruu, ce’umsa bu’aa qabeessaa, qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi dandeettii raawwachiisummaa dhaabbatummaa dhimmoota jedhanirratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera.
Manni Maree Federeeshinii dhaabbata wabii heera mootummaa ta’uu Af Yaa’iin mana marichaa obbo Adam Faraahi ibsaniiru.
Adeemsi duudhaalee hiikkaa sirna heera mootummaa tumamuu dhabuu isaan dhiyeessa iyyannoo, kenniinsa murtoo fi raawwiirratti hanqinni muudachuu eeruu isaanii ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.