Manni marichaa raawwii hojii bara baajataa 2012 gamaaggamaa jira

Finfinnee,Waxabajjii 17,2012 (FBC) –Manni Maree Ministirootaa raawwii hojii bara baajataa 2012 gamaaggamaa jiraachuu ibsame
 
Manni marichaa karoora hojii gurguddoo bara baajatichaa gamaaggamuun hanqinoota turan maksuun, cimoota jiran ammoo galtee bara itti aanuu taasisuuf gamaaggamicha eegaluu isaa Waajjira Muummee Minsitiraatti itti gaafatamaan Seekreetaariyaat Preesii obbo Nigusuu Xilahuun ibsaniiru.
 
Karoorri hiixataan waggaa kurnan dhufanii qophaa’uu kan ibsan obbo Nigusuun, karoorri waggaa 5 xumuramuun gara hojiitti galuuf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.
 
Manni marichaa guyyaa kaleessaa raawwii manneen hojii damee diinagdee 9 gamaaggamuu eegaluu isaa ibsaniiru.
 
Gamaaggamichis raawwii hojii gurguddoo, rakkoolee turan, muuxxannoo gaarii argamanii fi kallattii hojii gara fuuldurraatti kan xiyyeeffateedha jedhan.
 
Manni maree ministirootaa har’a raawwii hojii manneen hojii ministirootaa 11 fi dhaabbilee waammamtootaa gamaaggamuun kallattii hojii kan kaa’uu ta’uu obbo Nigusuun ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment