Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walgahii idilee 2ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa har’a gaggeesseen muudamoota Ministiroota 5 raggaasiseera.
Haaluma kanaan Muudama Ministira Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos, Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee, Ministira Ministeera Haqaa Aadde Haannaa Ar’aayaa Sillaasee, Ministira Ministeera Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaa fi Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa mirkaneesseera.
Akkasumas manni marichaa qaboo yaa’ii Walgahii idilee 1ffaa bara hojii 4ffaaf dhiyaates qorachuun raggaasiseera.
Dabalataan Haasawa baniinsa Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Walgahii waloo manneen maree lamaanirratti Fulbaana 27, 2017 taasiisan ilaalchisee mooshinii dhiyaate qorachuun raggaasiseera.
#Oromia #Ethiopia