Manni marichaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Walgahii Idilee 3ffaa bara Hojii 6ffaa Waggaa 2ffaa, Guyyaa Har’aa Taa’een murtoowwan adda adda dabarseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma ariifataa, ittifufiinsaa qabu fi bu’uura bal’aa qabu galmeessisuun jireenya uummataa naannichaa bu’uurarraa foyyeessuuf tarsiimoowwan misooma adda addaa bocuun gurmaa’iinsa fi hojimaata tarsiimoo kana bu’aa qabeessaa gochuu danda’u diriirsuun hojjechaa turuun isaa ni yaadatama.

Waggoottan darban keessatti misooma magaalaa hawaasni keenya irraa fayyadamu gaggeessuuf akkaataa sadarkaa guddina isaanitiin magaaloota hedduu hundeessuun hojiin bal’aan kan hojjetame ta’uullee, sadarkaa guddina amma irraa geenyeen magaalota ammayyaa’aa fi dorgomaa ta’e uumuun magaalota ummataa fi Naannoo keenya madaalan uumuuf akkasumas seeraan alummaa to’achun haloota wal xaxaa magaaloota keessatti mul’ataa jiru hogganuuf gurmaa’insa jiru sakkatta’uun fooyyeessaa deemuun murteessaa dha.

Waan ta’eef, carraa magaaloonni kun qaban bakka tokkotti fiduun waliin misoomuufi kaayyoo waloo qabaachuun pilaanii tokkoon hoogganamanii karaa ”integrated” ta’een akka misooman taasiisuun guddina hunda-galeessa ta’e horatanii humna diinagdee cimaa akka qabaatan gochuun galma wabii nyaata mirkaneessuu, ogummaa dagaasguu, qorqalbii biizinasii guddisuu fi tajaajila fooyyeessuuf qabame milkeessuuf magaaloota lamaa fi isaa ol bakka tokkotti gumeessuun karaa tarsiimaa’aa ta’e hogganuun barbaachiisaa waan ta’eef, karaa bulchiinsaaf mijataa ta’een walitti makamiinsa magaaloota akkaataa armaan gaditiin raawwataeera,
1. Magaalaa Bishooftuu:-Magaalaa Bishooftuu, magaalaa Duukam, akkasumas magaaloota mana qopheessaa Hiddii, Udee Dhankaaakaa fi Dirree walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi aanaalee 10 n akka gurmaa’u ta’eera.

2. Magaalaa Shaashamannee:- Magalaa Shaashamannee fi magaalaa Bishaan Gurraachaa walitti makuun kutaa magaalaa 4 fi aanaalee 12 akka gurmaa’u ta’eera.

3. Magalaa Adaamaa:- Magaalaa Adaamaa fi magaalaa Wanjii walitti makuun kutaa magaalaa 6 fi aanaalee 19’n akka gurmaa’uu ta’eera.
4. Magaalaa Roobee:- Magaalaa Roobee fi Gobbaa walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12n akka gurmaa’u ta’era.

5. Magaalaa Maayaa:- Magaalaa Haramaya, magaalaa Awwaday fi magaalaa Adeellee walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12 n akka gurmaa’u ta’eera.

6. Magaalaa Baatuu:- Magaalaa Baatuu fi magaalaa Adaamii Tulluu walitti makuun gandoota 7 n akka gurmaa’uu ta’eera.

Kun akkuma eegameetti ta’ee magaaloonni keenya carraa misoomuu qaban karaa guutuu ta’een fayyadamuun misooma hunda galeessaa ta’e akka galmeessisan gochuuf akkasumas bakkeewwan adda addaatti magaaloota wiirtuu huula misooma ta’uu danda’an uumuun, misoomaa magaaloota fi aanaalee naannoo isaanii jiraniif saffisiisuu irratti shooraa irraa eegamu akka taphatan gochuuf xiyyeeffannaa hoggansaa olaanaa akka argatan gochuun barbaachiisaa waan ta’eef, magaaloonni armaan gaditti ibsaman ittiwaamamni isaanii Mootummaa Naannichaatiif akka ta’u murtaa’eera.
1. Magaalaa Mattuu
2. Magaalaa Aggaaroo
3. Magaalaa Bulee Horaa
4. Magaalaa Najjoo
5. Magaalaa Sandaaffaa Bakkee
6. Magaalaa Shanoo
7. Magaalaa Mooyyaaalee
8. Magalaa Dodolaa
9. Magaalaa Shaakiisoo
Bifumaa walfakkaatuun humna raawwachiisummaa magaaloota fooyya’ee tajaajilaa si’ataa,qulqulluu ta’e gahumsa qabu akka dhiyaatu fi misooma hunda galeessaa ta’e akka galmaa’u gochuuf sochii hawaas-dinagdee akka waligalaatti jiru fi guddinni magaaloota yeroo dha gara yerootti dabalaa dhufee giddugaleessaa gochuun sadarkaa magaalootaa akkaataa arrmaan gaditiin akka fooyya’u murtaa’eera.
1. Magaalaa Adaamaa fi Shaashamannee fi Bishooftuu:-Magaalaa Riijiyoopoolis.

2. Magaalaa Roobee fi Maayaa:-magaalaa Muummee.

3. Magaalaa Mattuu, Aggaaroo, Bulee Horaa, Najjoo, Sandaaffaa Bakkee, Dodolaa, Shanoo, Moyyaalee fi Shaakkisoo – magaalaa Olaanaatti akka guddatan murtaa’eera.

Karaa biraatiin gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ka’aa ture deebisuun misooma hawaas-dinagdee saffiisaa ta’e galmeessisuf, seeraan alummaa naannoo daangaa jiru maqsuuf, rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf, akkasumas tajaajila qaqqabamaa ta’e dhiyeessuuf gurmaa’iinsa fi hojimaata gahumsa qabu fi bu’aaa qabeessaa ta’e diriirsuun barbaachiisaa waan ta’eef, godinni Booranaa Bahaa godina haaraa ta’e akka gurmaa’uu murtaa’eera.

Godinni Booranaa Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uu kun teessoon isaa Nagallee Booranaa ta’ee:-

 Godina Booranaa irraa aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waachilee

 Godina Gujii irraa:- aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, Magaala Nageellee Booranaa,

 Akkasumas godina Baalee irraa:- aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ta’eera.

Gurmaa’iinsa haaraa kana keessatti godinni Booranaa Bahaa bifa haaraatiin yemmuu gurmaa’u teessoon godina Gujii, Adoolaa Reeddee ta’ee teessoon godina Booranaa immoo magaalaa Yaabeello akka ta’u murtaa’eera.

Gama birootiin gurmaa’iinsa mijataa fi hawaasaaf qaqqabamaa ta’e uumuuf bal’ina lafa, rakkoo nageenyaa, gaaffii Bulchiinsa Gaarii fi akkasumas misooma ariifataa mirkaneessuuf aanaa madaa walaabuu kan turee iddoo lammatti jechuuniis aanaa Madaa walaabuu fi aanaa Oboorsoo ta’ee akka gurmaa’uu fi aanaa Cinaaksaan kan ture aanaaleen lamaan jechuuniis aanaa Cinaaksanii fi aanaa Makkannisaa Oromoo ta’ee akka gurmaa’uu murtaa’eraa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment