Manni Marichaa mirgi himatamuu dhabuu Dooktar Muluqan Haftuu akka ka’u murteesse

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Mana Maree Magaalaa Finfinnee mirgi himatamuu dhabuu miseensa mana marichaa fi Hogganaa Biiroo Innooveeshinii fi Teeknooloojii magaalichaa Dooktar Muluqan Haftuu akka ka’uu murteesseera.

Mirgi miseensichaa akka ka’u Ministeerri Haqaa xalayaa mana marichaaf barreesseen gaafachuu Afyaa’iin Mana Maree Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir dubbataniiru.

Dooktar Muluqan, mirgi isaanii akka ka’uuf sababni carraa manneen jireenyaa waliinii Magaalaa Finfinnee tibbana ba’een kan walqabatu ta’uu ragaan Waajjiraa Kantiibaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Yaa’iin idilee 3ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment