Manni marichaa mana keessatti sagaduun akka danda’amu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Manni Maree Waliigala Islaamummaa Ityoophiyaa tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf mana keessatti sagaduun kan danda’amu ta’uu beeksise.
 
Manni Maree Waliigala Islaamummaa Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee har’a murtoo shari’aa dabarseera.
 
Qaama Mana marichaa kan ta’e Manni Maree Uulamaa ibsa lateen, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf juma’aas ta’ee saalata juma’aa hafuun mana keessatti sagaduun kan danda’amu ta’uu beeksiseera.
 
Manni marichaa namni vaayrasichaan shakkamu kamiiyyuu juma’aas ta’ee saalata juma’aaf gara Masjiidaa , akkasumas barnoota amantaaf iddoo walga’ii ummataa dhaquun dhorkaa ta’uu ibseera.
 
Qajeelfamaa fi gorsa dhaabbilee fayyaa f ogeeyyiin darbu fudhachuun hojiirra oolchuun dirqama hordoftootaa amantichaa ta’uu manni marichaa beeksiseera.
Comments (0)
Add Comment