Manni marichaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa walitti qabuuf sagantaa qopheessuu beeksise

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa walitti qabuuf sagantaa qopheessuu beeksiseera.

Haaluma kanaan Jum’aa dhufu Masjiidota kutaalee biyyattii jiran hunda keessatti deeggarsa sassaabuuf karoorfachuu ifoomseera.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Shee Haaji Ibraahim Tufaa ibsa har’a miidiyaaleef laataniin,Wiixata itti fufuun hongeen Hawaasa Booranaa hundeerraa akka furmaata argatuuf Salaatni Istisqaa iddoo hundatti akka gaggeeffamu ergaa dabarsaniiru.

Dabalataan lakkoofsota Baankii armaan gadiin hawaasni deeggarsa akka taasiisan gaafataniiru.

Baankii Daldala Ityoophiyaa – 5582

Baankii Daashin – 795571270973

Baankii Zamzam – 222255

Baankii Hijiraa -308010

Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa -1000093406226 galii akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Olyaad Haaji Ahmadtu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment