Manni Marichaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa raggaasise

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Labsii Yeroo Ariifachiisaa sagalee caalmaan raggaasiseera.

Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa har’a gaggeesseera.

Manni Maree Ministirootaa Hagayya 28, 2015 walga’ii idilee 23ffaa gaggeesseen, akkaataa labsicha lakkoofsa 6/2015 ragga’een, wixineen labsii yeroo ariifachiisaa, barbaachisummaan labsichaa Ministira Waamaamaa Olaanaa Mootummaa Tasfaayee Beeljigeen dhiyaateera.

Ibsa kenname hordofees wixinee labsii yeroo ariifachiisaa dhiyaate irratti miseensota mana marichaarraa yaadaa fi gaaffilee ka’aniif Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos deebiii fi ibsa kennuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 1299/2015 kan sagalee hinkennine 12, sagalee mormii 16’n, sagalee caalmaan raggaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment