Finfinnee, Waxabajjii 20, 2013 (FBC) – Manni Maree Naannoo Afaar Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa gaggeesseen labsii hojmaataa fi itti gaafatamummaa qaamolee raawwachiiftuu 3 murteessuuf ba’e raggaasiiseera.
Labsii hojmaataa fi itti gaafatamummaa qaamolee raawwachiiftuu 3 murteessuuf ba’e marii ba’aa erga taasiisee booda sagalee guutuun raggaasiiseera.
Wixinee Labsii qabeenya galmeessuu fi beeksiisuu, hojmaata, gurmaa’insaa fi deeggarsa laachuu dhaabbilee misoomaa naannichaa ilaalchisuun ba’e raggaasiisuun xumuramuu ibsameera.
Manni Marichaa Baajata idilee fi Kaappitaalaa Proojektoota eegalaman raawwachiisuuf oolan Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 30 fi kuma dhibba 2 fi kuma 41 dhiyaate sagalee guutuun raggaasiisuun isaa kan yadatamuudha.
Yaa’ichi guyyaa har’aa gabaasa raawwii ijoo baatii 11 irratti mari’atera jedhame.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.