Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’ootaa Uummataa labsii aangoofi hojimata Mana Maree Federeeshiinii Ityoophiyaa foyyeessuuf ba’e raggaasiseera.
Manni Maree Bakka Bu’ootaa Uummataa walgahii isa addaa 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeesseera.
Labsiin aangoo fi hojimaata Mana Maree Federeeshiinii Ityoophiyaa foyyeessuuf bahe Manni Maree Bakka Bu’ootaa uummataa sagalee guutuun raggaase.
Dabalataanis Manni Mariichaa waliigaltee liiqaa afur Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa fi Ityoophiyaa gidduutti taasifames raggaasiseera.
Akkasumas waliigaltee Ityoophiyaan Chaartaarii nageenyaa daandii Afriikaa fi Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomanii waliin dhimma Chaartaarii nageenyaa daandii irratti dhiyaate lama raggaasiseera jedhame.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.