Manni marichaa Kamisa dhuftu walga’ii ariifachiisaasaa ni gaggeessa

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kamisa dhuftu walga’ii ariifachiisaasaa ni gaggeessa.
 
Wixinee labsii eksaayiz taaksii, waliigaltee Gamtaa Afrikaa kan Kaampaalaatti mallattaa’ee fi namoota buqqaafamaniif eegumsaa fi deeggarsa taasifamurratti mari’achuudhan ni raggaasisaan eegama.
 
Dabalataan waliigaltee Maarakaash, chaartara mirga ummattootaa fi namootaa, gabaasota addaddaarratti mari’atee ni raggaasisa.
 
Wixineen labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuuf ba’erratti mari’atee ni raggaasisaan eegama.
 
Seera qabeessummaa Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaarratti wixinee labsii qophaa’erratti mari’achuudhan koree dhaabbii dhimmi isa ilaaluf ni dabarsaan eegama.
 
Comments (0)
Add Comment