Manni Marichaa haleellaa Masjiida Najjaashii irratti raawwatameen gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa haleellaa Masjiida Najjaashirratti raawwatameen gadda itti dhaga’ame ibseera.
Manni marichaa haleellaa raawwatame ilaalchisee ibsa laateera.
Haleellaan iddoo seenaa qabeessa kanarratti raawwatame daraan gaddisiisaa ta’uu himeera.
Mootummaan qaamolee yakka kana raawwatan saffisan seeratti dhiyeessuu akka qabu gaafateera.
Haleellaa meeshaa waraanaa guddaan Masjiidicharratti raawwatameen miidhaan dhaabbilee tajaajilirra ga’uu fi meeshaaleen tajaajilaa saamamuu manni marichaa ibseera.
Haleellaan iddoo seenaa qabeessa kanarratti raawwate hordoftoota Amantaa Islaamaa Ityoophiyaa qofa osoo hin taane hordoftoota Amantaa Islaamaa guutuu addunyaa onnee kan cabse ta’uu manni marichaa ibsa isaan eereera.
Manni Marichaa gochaa qaanessaa fi yakka gaddisiisaa raawwatame daraan kan balaalleeffatu ta’uu beeksiseera.
Haleellicha waliin walqabatee odeeffannoo sirrii fi ibsi qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuun akka itti laatamu gaaffii dhiyeesseera.
Haleellaa qaqqabeen miidhaa ga’ee fi hamma miidhichaa gareen qulqulleessu iddichaatti ergamuun Abbaa Taayitaa Eeggumsa Hambaalee fi mana marichaaf yeroo gabaabaa keessatti gabaasa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Manni maricha qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uu yeroo gabaabaa keessati suphaa barbaachisu taasiisuun tajaajila barame akka laatuuf qophii taasiisaa jirachuu ibsameera.
Qonjiit Zawdee
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment