Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 6ffaa guyyaa har’aa gaggeessurratti Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad waliin dhimmoota garaagaraarratti ni mari’ata.
Manni marichaa haala nageenyaarratti xiyyeeffannoo kennuun ni mari’ata jedhameetu eegama.
Kana malees dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdeerratti xiyyeeffachuun kan mari’atu ta’uu ibsameera.
Dabalataanis manni marichaa wixinee baajataa 2015 irratti mari’atee kan mirkanessu ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.