Manni marichaa filannoo ilaalchisuun yaada murtoo dhiyaate ni raggaasisa

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa 3ffaa booru Eebila 27,2012 gaggeessa.

Walga’ichaanis Boordiin Filannoo Biyyoolessaa filannoo ilaalchisuun yaadolii furmaataa akka yaada murtootti dhiyeessee fi waliigalteewwan liqaa ja’aa ni raggaasisaan eegama.

Manni marichaa walga’iisaa idilee 15ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessen yaada murtoo boordichi dhiyeesse ilaalee yaada murtoo akka dhiyeessuf koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasiif dhiyeessun isaa ni yaadatama.

Yaadolii furmaataa dhiyaatan afur keessaa yaadni koree dhaabbichaa booru ni ragga’aan eegama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment