Manni marichaa du’aan boqochuu Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroosiin gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa du’aan boqochuu Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroosiin gadda itti dhaga’ame ibse.

Manni marichaa ibsa gaddaa baaseen, Pirofeesar Bayyanaan Hayyoota Gameeyyii Itiyoophiyaan horatte keessaa sadarkaa duraarratti kan eeramaniidha.

Qorataa, barsiisaa, hayyuu siyaasaa bilchaataa fi hogganaa ga’umsa qabu akka turan ibseera.

Biyyattii dameewwan garaagaraatiin tattaaffii olaanaa fi miira jaalala biyyaan tajaajiluu kaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment