Manni marichaa danbii itti fufiinsa hojii misooma kooriidaraa mirkaneessu raggaasise

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC) –Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii danbii itti fufiinsa hojii misooma kooriidaraa mirkaneessu raggaasiseera.

Manni marichaa dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtii dabarseera.

Manni marichaa dambii waajjira kabachiisa heeraa irra deebi’uun hundeessuu fi ijaarsa, aangoofi hojii isaa fooyessuuf bahe irratti bal’inaan mari’chuun dambichi hojiirra akka oolu murteesera.

Danbichi bu’aawwan hawaas- diinagdee gama misooma kooriidaraa, daandiiwwanii fi kanneen kana fakkaataniin argmu eegsisuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Manni marichaa danbicharratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan itti dabalamuun guyyaa har’aa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun raggaasiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’is.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment