Manni marichaa booru labsii yeroo ariifachiisaa ni raggaasisa

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii addaa booru ni gaggeessa jedhame.
 
Manni marichaa walga’ii addaa booru gaggeessuun, labsii yeroo ariifachiisaa Manni Maree Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaan ittisuuf labsee fi haala raawwii isaa qorachuun murtoo akka itti laatuuf dhiyeesse ni raggaasisa jedhamee eeggame.
 
Manni Maree Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi miidhaa ga’uu danda’u hir’isuuf labsiin yeroo mudamaa akka labsamu murtee dabarsuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Labsicha hojirra oolchuf Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa booruu walga’ii addaa 2ffaa gaggeessun labsii dhiyaate qorachuun ni raggaasisa jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Waajjira Mana maricharraa argame ni muul’isa.
 
Dabalataan Manni marichaa waliigaltee Mootummaa Ityoophiyaa fi Waldaa Misooma Idila Addunyaa gidduutti weerara vaayrasii koroonaaf deebii yeroo ariifachiisaa laachuuf proojaktii liqii dhiyaate qorachuun ni raggaasisa jedhamee eeggama.
Comments (0)
Add Comment