Manni marichaa birmadummaa, bilisummaa siyaasaa fi tokkummaa biyyaalessa Ityoophiyaa kan kabaju ta’uu beeksiise

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii birmadummaa, bilisummaa siyaasaa fi tokkummaa biyyaalessa Ityoophiyaa kan kabaju ta’uu beeksiiseera.
Miseensoonni Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsa kaleessa laataniin birmadummaa, bilisummaa siyaasaa fi tokkummaa Ityoophiyaa kan kabajan ta’uu beeksiisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa tattaaffii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabsiisuuf taasiisu kan dinqiisifatu ta’uu ibseera.
Deeggarsa namoomaa bifa qindaa’een qaqqabsiisuuf tattaaffiin taasiifamu jajjabessaa ta’uus rakkoon namoomaa naannicha keessa jiru ammas yaaddessaa ta’uu manni marichaa eereera.
Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa ulaagaalee deeggarsa yeroo ariifachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hordofuun deeggarsa Ityoophiyaaf taasiisan akka cimsan waamichi dhiyeesseera.
Sarbamni mirga namoomaa naannichatti qaqqabe mana marichaa daraan kan yaaddessu ta’uu ibsuun, yakkamtoonni seeraatti akka dhiyaatan qorannoon akka gaggeeffamu gaafateera.
Yeroo ammaas haalli nageenyaa naannoo Tigraay keessa deeggarsa namoomaa dhiyeesuuf gufuu ta’uu ragaan Fuula Tiwiitarii mana marichaarraa argame ni muul’isa.
Naannichatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u tattaaffii Gamtaan Afrikaa fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa taasiisan manni marichaa kan deeggaru ta’uu beeksiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment