Miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisu ittisuuf ummanni qajeelfamaa fi gorsa kennamu hojiirra oolchuu qaba – MM Dr Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisu ittisuuf ummanni qajeelfamaa fi gorsa kennamu hojiirra oolchuu qaba jedhan.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad walga’ii addaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI irratti argamuudhan ibsaa fi deebii miseensota mana marichaarraa ka’aniif laataniin, weerarri vaayrasii koroonaa hiibboo addunyaa jaarraa kanaa ta’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf giddugaloota 54 hundeessuun, namoota 17,500 wallaansa adda baasanii hordofuu laachuuf qophiin taasifameera jedhan muummee ministiraa.
 
Weerara vaayrasii koroonaa tuffachuu fi of dagannaan akka hin barbaachisnee ibsanii, Ityoophiyaatti namoonni 2020 vaayrasichaan qabamuu ibsaniiru.
 
Namoonni kumni 30 amma qoratamanitti tursi addaa qophaa’efira.
 
Lammiilee biyyoota alaatii dhufaniif tursi addaa kwaaraantiiniin namoota kuma 45 qophaa’eraan ibsan.
 
Naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaatti hojiin laabraatoorii ijaaruu hojjetameera.
 
Naannoleedhafis mootummaan Birrii miiliyoona 400 ol ramadeera.
 
Dhibeen vaayrasichaa maatii bittinsaa jira; gadda uumee; diinagdee fi siyaasa gufachiisaa jiraanis ibsaniiru.
 
Dhiibbaan weerara vaayrasichaa sirna fayyaa, diinagdee fi hawaasummaarrattis dhiibbaa qaqqabsiisera jedhan.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf mootummaan sochii bal’aa taasisaa turuu ibsaniiru.
 
Jalqabarratti samuudaan qorannaa Afrikaa Kibbaatti ergamaa turuu yaadachiisanii, amma laabraatoorii 31 ta’aniin namoota kuma 8 ta’aniif qorannaan taasifamaa jiraachuu eeran.
 
Dhawaatammoo laabraatooriiwwan dabalataa banuudhan, sochii ittisaa fi qorannaa bal’inaan ni hojjenna jedhan.
 
Mootummaan jalqaba Birrii biiliyoona 5 ramade, biyyootaa fi dhaabbileerraammoo deeggarsa walitti qabameen sochiin ittisaa bal’inaan hojjechaa jira.
 
Carraalee ittisaa hundatti fayyadamuun lammiilee keenya baraaruuf socho’aa jirra jedhan.
 
Gabaasa Amnastii Intarnaashinaal ilaalchisee yaada laataniin, maddi aangoo keenyaa ummata Ityoophiyaa waan ta’eef rakkoon yoo jiraate sakattaanee ni sirreessina jedhan.
 
Sudaan waliin walitti bu’iinsi daangaa uumamu hin jiraatu; isaan obboloota keenya; rakkoo jiru mariidhan, yoo sanarra darbemmoo Gamtaan Afrikaa ni fura jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment