Manni marichaa ABUT tarree shororkeessummaarraa haqe

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa har’a gaggeesseen ABUT moggaasa tarree shororkeessummaarraa akka haqamu yaada murtoo dabarseera.

Waliigaltee Nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti Onkololeessa 24, 2015 Afrikaa Kibbaa Magaalaa Piriitooriyaatti gaggeeffamee ture hordofee waliigalticha hojiitti hiikuuf hojiileen garaagaraa raawwatamaniiru.

Mootrummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti tajaajilli bu’uuraa akka eegalamuu fi deeggarsi namoomaa haala fooyya’iinsa qabuun akka dhiyaatu taasiiseera.

ABUT hidhattoonni isaa hidhannoo hiikkachuun gara Mooraa waraanaa akka galanii taasiisuu fi meeshaalee waraanaa gurguddoo Raayyaa Ittisaaf laachuun isaa ni yaatadama.

Akkaatuma waliigalteen Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii addaa har’a gaggeesseen moggaasni tarree Shororkeessummaa ABUT irra akka kaa’u yaada murtoo dhiyaateerratti mari’achuun sagalee caalmaan raggaasiiseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Eebila 28, 2013 Garee ‘ABUT’ fi Shaneen shororkeessummaan akka moggaafmaniif yaada murtoo dhiyaate sagaalee caalmaan raggaasuun kan yaadatamuudha.

Walitti bu’iinsa keessaa ba’uuf, jibbiinsaa fi gochaa isaa hambisuuf, rakkoolee siyaasaa waaraan furuuf ABUT tarree Shororkeessummaarraa akka haqamu taasiisuun barbaachisaa ta’ee argamuu Ministirri waamamaa mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigeen ibsaniiru.

ABUT gochaawwan tarree Shororkeessummaarraatti isa moggaasanirraa fooyya’aa dhufuun isaa mogaasichi akka ka’u sababa tokko ta’uu Obbo Tasfaayeen kaasaniiru.

Waliigalteen nageenyaan booda ABUT waraanni akka dhaabbatuu fi Ummanni boqonnaa akka argatu hojjchuu eeraniru.

Hojiin kun bu’aa akka buusuu fi haalli hammataa ta’e akka uumamu ABUT tarree Shororkeessummaarraa haquun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa waaraan akka itituuf yaadni murtoo kun dhiyaachuu himaniiru.

Yaada murtoo dhiyaateerratti miseensonni mana marichaa gaaffilee fi yaada qaban dhiyeessuun erga irratti mari’atamee booda sagalee caalmaan ragga’uu eerameera.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment