Naannoleen qabeenya horachuun misoomaaf hojjechuu qabu- obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Naannoleen qabeenya horachuun misoomaaf hojjechuu akka qaban Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar ibsan.

Tattaaffii mootummaan federaalaa misooma haqa qabeessa waliin ga’uuf taasisu dabalataan naannoleen qabeenya horachuun misoomaaf hojjechuun kan irraa eegamu ta’uu obbo Aganyahu dubbataniiru.

Manni Marichaa Aangoo Galii fi Baasii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee gidduutti taasifamuu irratti mari’ateera.

Waltajjicharratti Preezdaantonni naannolee, Ministiroonnii fi qaamoleen dhimmamtootaa hirmaataniiru.

Waggoottan 30 darbanitti bulchiinsa qabeenya mootummaa fi waliin ga’iinsa misoomaa haqa qabeessarratti gaffileen garaagaraa ka’aa turuu obbo Aganyahu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan manni marichaa itti gaafatamummaa heera mootummaan itti kenname ba’achuuf qorannoowwan riifoormii gaggeessuun hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru.

Keessumaa bulchiinsa baajata naannolee, qoqqoodiinsa baajata naannolee fi guddina naannolee kessatti taasifamu wal simsiisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Walatajjichi kallattiiwwan gaffilee misoomuu haqa qabeessa waaraan furuuf dandeessisan eeruurratti ga’ee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa baajata mootummoota naannoleef ramadu to’achuurratti hojii gaariin hojjetamus baajata kaayyoo murtaa’aa qaban to’achuuf qajeelfamni kan hin jirre ta’uu himaniiru.

Kun ammoo naannoleen guddina walfakkaataa ilaalchisee gaaffii akka kaasan taasisuu dubbataniiru.

Hojimaatawwan rakkicha furuu dandeessisan diriirsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Haala qabatamaa yeroo ammaatiin naannoleen hundi baasii isaanii %40 dandeettii mataasaaniin kan uwwisan ta’uu himaniiru.

Baasiin isaanii hafe mootummaa federaalaan kan uwwisamu ta’uu ibsuun naannoleen dandeettii qabeenya walitti qabuusaanii guddisuun misoomaaf hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Qonjit Zawdeetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment