Manni Maricha dhimmoota faayidaa tarsiimawaa naannichaa mirkaneessuuf dandeessisan seera ta’anii akka ragga’aniif Caffeef qajeelche

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Yaa’ii Idilee 4ffaa Gurraandhala 14,2014 gaggeesseen dhimmoota faayidaa tarsiimawaa Naannichaa mirkaneessuuf dandeessisan seera ta’anii akka ragga’aniif Caffee Oromiyaatiif qajeelfamuun beeksifameera.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa dhimma kanarratti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Guutuun ibsichaas akka armaan gaditti dhiyaateera:-

Manni Marichaa dhimmoota faayidaa tarsiimawaa Naannichaa mirkaneessuuf dandeessisan afur irratti marii gaggeessuun mirkaneessee seera ta’ee akka ragga’aniif Caffee Oromiyaatiif qajeelcheera.

Wixineen Labsii Gaachana Sirnaa Sadarkaa 1ffaatti kan qajeelfame yoo ta’u, ejjennoo duudhaa ganamaatti deebi’uun, nagaafi tasgabbii mirkaneessuu keessatti gurmaa’insa uummataa idileessuun qaamolee nageenyaaf deeggarsa taasisuun haammattoo seeraan hundeessuun barbaachiseera.

Rakkoo uumamaafi namtolchee naannichatti muudachuu maluufi kan muudatellee furuufi to’achuuf Wixinee Labsii Gaaddisa Buusaa Gonofaatiin, duudhaa walgargaarsa uummataa karaa tarsiimoo qabuun fooyya’ee tajaajilaaf akka oolu qajeelfameera.

Kunis Jaarmiyaa duudhaa uummata Oromoo bu’uura godhate, gargaarsa namoomaa irratti bobba’uu bifa haaraan irra deebiin hundeessuuf kan karoorfameedha.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa aangoo duratti labsiin kennameef dabalatee moggaafama haaraa Gaaddisa Buusaa Gonofaa akka argatu taasifama.

Sochii Dhaabbilee Misoomaa bu’a qabeessaafi karoora misooma naannichaa faana akka tarkaanfataniif Labsiin Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa haaraan ifoomeera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dhaabbilee Misoomaa kudhan/10/qabaachaa kan ture, yeroo ammaa kana dhaabbileen misoomaa digdamii torba/27/gahaniiru. Dhaabbilee kunneen caalaatti bu’a qabeessa taasisuufi guddina diingdee karoorfame mirkaneessisuuf labsiin haaraan Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa ifoomeera.

Dandeettii Raawwachiisummaa Baajata Kaappitaalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa daran dabaluuf Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii baaseera.

Barsiifata itti fayyadama baajataa duubatti hafaa ture jijjiiruun, waggoottan sadan darbanitti galiin Naannichaa dachaa sadiin kan dabale yoo ta’u, sochii misooma naannichaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru milkeessuuf dandeettii raawwachiisummaa daran cimsuun barbaachiseera.

Kana keessatti muuxannoo dandeettii galii naannichaa babal’isuufi sassaabuu yeroo dhiyoo as mul’ate gabbisuun fedhii misooma naannichaa mirkaneessuuf akka mijaa’utti ni hojjetama.

Pirojektoota Bishaanii rakkoo uumamaan muudachaa jiran dandamachiisuu danda’an, torbaatamii sadi/73/ xumursiisuuf baajata Adoolessa bara 2013 labse irratti dabalataan birrii biiliyoona 13.95 labsuun akka ragga’u, Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffee Oromiyaatiif qajeelcheera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment