Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Manni Maree Walitti Hidhamiinsa Biyyaalessaa Dhaabbilee Barnootaa olaanoo, Teeknikaa fi Ogummaa, dhaabbilee qorannoo fi Indaastiriwwanii hundaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Labsiin Walitti Hidhamiinsa Dhaabbilee Barnootaa olaanoo, Teeknikaa fi Ogummaa, dhaabbilee qorannoo fi Indaastiriwwanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’ee hojii eegaluu hordofee manni marichaa hundaa’uu ibseera.
Manni Maree Walitti Hidhamiinsa Biyyaalessaa kun kaleessa waltajjii Ministeera Barnootaatti gaggeeffameen hundaa’uu eerameera.
Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa walitti qabaa mana marichaa ta’uun filatamaniiru.
Akka biyyaatti jijjiirama fiduuf qorannoo beekumsaan deeggarameen diinagdee biyyaa ijaarsuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Kanaafis hojiilee qorannoof baajanni gahaan ramadamuu akka qabu eeramuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.